#Oduu_Amme
Konfiraansiin araaraa magaalaa Finfinneetti KFO, ABO fi PP gidduutti adeemsifamaa akka jiru himame.
Nageenya Oromiyaa keessaa danqaa olaanaa keessatti argamu gara nagaatti fiduun ulfaatee dhuma jira. Ta'us mariin araaraa yeroo hedduu dhagaa'amaa ture gidduu kanas itti fufuu isaa himameera
Maddi oduu kanaa Arraati Biyyoolessa Oromiyaa akka gabaasetti mootummaa Itoophiyaa fi ABO, KFO gidduutti mariin adeemsifamaa jira.
Miidiyaa waraana Bilisummaa dhimma itti bahu Arraati akka jedhetti "Koonfirensiin maree araaraa ABO fi KFO Bilxiginnaa waliin walii galchu abbootii gadaa fi amantaan magaalaa Finfinnee keessatti" eegalameera jedha. Kun yeroo lolli Oromiyaa keessatta uummata nagaarraan miidhaa geessisaa jirutti akka ta'es caqasa gabaasichi.
Marii jedhamu kana ilaalchisee karaa dhaabbilee siyaasaa sadan waan ifatti himame hin jiru. Mootummaanis kanarraa hanga gabaasa kana qopheeffannetti waan jedhe hin qabu.